- 
	                        
            
            Keessa Deebii 5:7-10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
7 Ana biratti* matumaa waaqolii kan biroo akkamii iyyuu hin qabaatin.+
8 “‘Wanta ol gubbaa samii keessa jiru yookiin gad lafa irra jiru yookiin lafa jala bishaan keessa jiru kam iyyuu fakkeessitee ofii keetiif fakkii bocamaa+ yookiin fakkii kan biraa hin tolfatin. 9 Ati isaaniif hin sagadin yookiin oofamtee isaan hin tajaajilin;+ sababiin isaas, ani Waaqni kee Yihowaan Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu,+ akkasumas warra isa jibban cubbuu abbootiitiif ilmaan irratti, dhaloota sadaffaa irrattii fi dhaloota arfaffaa irratti adaba fidu dha;+ 10 warra na jaallatanii fi ajajawwan koo eeganiif garuu, Waaqa hamma dhaloota kumaatti jaalala amanamaa argisiisu dha.
 
 -