LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 26:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 “‘Waaqolii gatii hin qabne ofii keessaniif hin tolfatinaa;+ fakkii bocame+ yookiin siidaa waaqeffannaa ofii keessaniif hin dhaabbatinaa; gara isaatti sagaduufis+ fakkii dhagaa bocamee+ biyya keessan keessa hin dhaabbatinaa; ani Waaqa keessan Yihowaa dha.

  • Keessa Deebii 4:15, 16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 “Kanaafuu, isin guyyaa Yihowaan Horeeb keessatti ibidda sana gidduudhaa isinitti dubbatetti wanta akkamii iyyuu waan hin argineef of eeggadhaa;* 16 fakkii mallattoo akkamiitiin iyyuu bocame tolfachuudhaan badiisa ofitti hin fidinaa. Fakkii dhiiraa yookiin fakkii dubartii,+

  • Keessa Deebii 4:23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Kakuu Waaqni keessan Yihowaan isinii wajjin gale akka hin irraanfanne of eeggadhaa;+ akkasumas fakkii bocame, fakkii wanta Waaqni keessan Yihowaan isin dhowwe akkamii iyyuu hin tolfatinaa.+

  • Keessa Deebii 27:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 “‘Namni fakkii bocame+ yookiin siidaa sibiilaa*+ isa Yihowaa duratti jibbisiisaa taʼe,+ jechuunis wanta ogeessa harkaatiin* tolfamu hojjetuu fi dhoksee kaaʼu abaaramaa haa taʼu.’ (Namoonni hundis, ‘Ameen!’* jedhanii deebisu.)

  • Hojii Ergamootaa 17:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 “Kanaafuu, nuti ijoollee* Waaqayyoo erga taanee,+ Waaqayyo warqii, meetii yookiin dhagaa ogummaa fi dandeettii namaatiin bocamee tolfame fakkaata jennee yaaduu hin qabnu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi