Baʼuu 34:14 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 14 Yihowaan Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu* taʼuu isaatiin beekamu* waan taʼeef, waaqa kan biraatiif hin sagadin.+ Eeyyee, inni Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu dha.+ Keessa Deebii 4:24 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 24 Sababiin isaas Waaqni keessan Yihowaan ibidda gubee balleessu,+ Waaqa guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu dha.+ Isaayyaas 42:8 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 8 Ani Yihowaa dha. Maqaan koos isa kana;Ulfina koo eenyuuf iyyuu hin kennu,*Galata koos fakkiiwwan bocamaniif hin kennu.+ Maatewos 4:10 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 10 Yeroo kanatti Yesuus, “Seexana nana, na duraa deemi! ‘Waaqa kee Yihowaa* waaqeffadhu;+ isa qofaaf tajaajila qulqulluu dhiheessi’+ kan jedhu barreeffameera” isaan jedhe.
14 Yihowaan Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu* taʼuu isaatiin beekamu* waan taʼeef, waaqa kan biraatiif hin sagadin.+ Eeyyee, inni Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu dha.+
24 Sababiin isaas Waaqni keessan Yihowaan ibidda gubee balleessu,+ Waaqa guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu dha.+
8 Ani Yihowaa dha. Maqaan koos isa kana;Ulfina koo eenyuuf iyyuu hin kennu,*Galata koos fakkiiwwan bocamaniif hin kennu.+
10 Yeroo kanatti Yesuus, “Seexana nana, na duraa deemi! ‘Waaqa kee Yihowaa* waaqeffadhu;+ isa qofaaf tajaajila qulqulluu dhiheessi’+ kan jedhu barreeffameera” isaan jedhe.