-
Leewwota 6:2-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 “Namni* tokko wanta imaanaadhaan isatti kenname yookiin wanta isa bira kaaʼamee wajjin haala wal qabateen+ nama kan biraa gowwoomsee Yihowaadhaaf amanamaa utuu hin taʼin hafuudhaan cubbuu yoo hojjete+ yookiin nama kan biraa yoo saame yookiin yoo gowwoomse 3 yookiin wanta bade tokko argatee waaʼee kanaa yoo ganee fi cubbuu kana fakkaatu akkamii iyyuu ilaalchisee sobaan yoo kakate,+ wanti inni gochuu qabu kana dha: 4 Inni cubbuu yoo hojjetee fi yakkamaa yoo taʼe, wanta hate, wanta saame, wanta gowwoomsee fudhate, wanta imaanaadhaan isatti kenname yookiin wanta badee argate sana haa deebisu; 5 yookiin wanta waaʼee isaa sobaan kakate kam iyyuu haa deebisu; wanta sanaaf kiisii haa kaffalu;+ gatii isaa irrattis harka shan keessaa harka tokko itti dabalee haa kaffalu. Guyyaa yakkamaa taʼuun isaa itti mirkanaaʼetti wanta sana abbaa isaatiif haa kennu.
-