-
Leewwota 19:33, 34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
33 “‘Namni biyya ormaa isinii wajjin biyya keessan keessa kan jiraatu yoo taʼe isa hin miidhinaa.+ 34 Namni biyya ormaa isinii wajjin jiraatu akkuma lammii biyyattii isiniif haa taʼu;+ isin akka ofii keessaniitti isa jaalladhaa; sababiin isaas, isin biyya Gibxii keessatti namoota biyya ormaa turtan.+ Ani Waaqa keessan Yihowaa dha.
-
-
Keessa Deebii 10:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Biyya Gibxii keessatti namoota biyya ormaa waan turtaniif, isinis nama biyya ormaa jaallachuu qabdu.+
-