-
Baʼuu 20:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Ati isaaniif hin sagadin yookiin gowwoomfamtee isaan hin tajaajilin;+ sababiin isaas, ani Waaqni kee Yihowaan Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu,+ akkasumas warra isa jibban cubbuu abbootiitiif ilmaan irratti, dhaloota sadaffaa irrattii fi dhaloota arfaffaa irratti adaba fidu dha;
-
-
Leewwota 18:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Isin akka isaan biyya Gibxii isa isin keessa jiraachaa turtan keessatti raawwatan sanaatti hin raawwatinaa; akkasumas isin wanta isaan biyya Kanaʼaan isa ani itti isin galchu keessatti raawwatan sana hin raawwatinaa.+ Akka dambiiwwan isaaniittis hin deddeebiʼinaa.
-
-
Keessa Deebii 12:30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 isaan si duraa haxaaʼamanii erga balleeffamanii booda kiyyoo keessa akka hin galle of eeggadhu. ‘Saboonni kun waaqolii isaanii tajaajiluu barsiifata kan godhatan akkamitti? Anis akkanuma nan godha’ jettee waaʼee waaqolii isaanii hin gaafatin.+
-
-
2 Seenaa Baraa 33:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Inni gochawwan jibbisiisoo saboonni warri Yihowaan saba Israaʼel duraa ariʼe sun raawwachaa turan hordofuudhaan, wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate.+
-