-
2 Mootota 21:2-6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Inni gochawwan jibbisiisoo saboonni warri Yihowaan saba Israaʼel duraa ariʼe sun raawwachaa turan hordofuudhaan,+ wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate.+ 3 Iddoowwan ol kaʼoo abbaan isaa Hisqiyaas balleesse deebisee ni ijaare;+ akkasumas akkuma Ahaab mootiin Israaʼel godhe,+ Baʼaaliif iddoowwan aarsaa ni dhaabe; utubaa waaqeffannaas* ni hojjete.+ Guutummaa raayyaa samiitiif ni sagade; isaaniinis ni tajaajile.+ 4 Kana malees inni bakka Yihowaan waaʼee ishii, “Ani maqaa koo Yerusaalem keessa nan kaaʼa”+ jedhee dubbatetti, jechuunis mana Yihowaa keessatti iddoowwan aarsaa ni ijaare.+ 5 Akkasumas, mooraawwan mana Yihowaa lamaan+ keessatti guutummaa raayyaa samiitiif iddoowwan aarsaa ni ijaare.+ 6 Ilma ofii isaas ibiddaan ni gube;* falfala ni raawwate; milkii ni ilaallate;+ akkasumas eker dubbistootaa fi raagdota ni muude.+ Isa dheekkamsiisuufis wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe hedduu ni raawwate.
-