LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 12:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Kanaa mannaa, gara bakka Waaqni keessan Yihowaan maqaa isaatiif, akkasumas iddoo jireenyaa isaa akka taʼuuf guutummaa gosoota keessanii gidduudhaa filatu sanaa dhaqaatii achitti isa waaqeffadhaa.+

  • 2 Saamuʼel 7:12, 13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Barri jireenyaa kee dhumee+ abbootii kee wajjin yommuu boqottutti, sanyii kee isa si booda dhufu, jechuunis ilma kee* nan kaasa; mootummaa isaas jabeessee nan dhaaba.+ 13 Mana maqaa kootiif taʼu kan ijaaru isa dha;+ anis teessoo mootummaa isaa bara baraaf jabeessee nan dhaaba.+

  • 1 Mootota 8:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Kadhannaa tajaajilaan kee gara bakka kanaatti dhiheessu dhagaʼuuf, halkanii fi guyyaa ijji kee gara bakka ati, ‘Maqaan koo achi ni taʼa’+ jette kanaatti kan baname haa taʼu.+

  • 1 Mootota 9:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Yihowaan akkana isaan jedhe: “Kadhannaa kee fi wawwaannaa ati fudhatama argachuuf na duratti dhiheessite dhagaʼeera. Ani maqaan koo yeroo hunda akka ittiin waamamu gochuudhaan+ mana ati ijaarte kana qulqulleesseera; ijji koo fi garaan koos yeroo hunda achi ni taʼa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi