-
Keessa Deebii 12:30, 31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 isaan si duraa haxaaʼamanii erga balleeffamanii booda kiyyoo keessa akka hin galle of eeggadhu. ‘Saboonni kun waaqolii isaanii tajaajiluu barsiifata kan godhatan akkamitti? Anis akkanuma nan godha’ jettee waaʼee waaqolii isaanii hin gaafatin.+ 31 Isaan ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii illee waaqolii isaaniitiif ibiddaan gubuudhaan, wanta jibbisiisaa Yihowaan jibbu hundumaa waaqolii isaaniitiif ni godhu; ati garuu Waaqa kee Yihowaadhaaf wanta akkanaa hin godhin.+
-
-
2 Seenaa Baraa 36:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Ajajjoonni lubootaa hundii fi sabichi, wantoota jibbisiisoo saboonni kaan raawwatan hundumaa raawwachuudhaan akka malee amanamummaa isaanii hirʼisanii turan; kana malees, mana Yihowaa isa inni Yerusaalem keessatti qulqulleessee ture ni xureessan.+
-