-
Leewwota 18:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Isin akka isaan biyya Gibxii isa isin keessa jiraachaa turtan keessatti raawwatan sanaatti hin raawwatinaa; akkasumas isin wanta isaan biyya Kanaʼaan isa ani itti isin galchu keessatti raawwatan sana hin raawwatinaa.+ Akka dambiiwwan isaaniittis hin deddeebiʼinaa.
-
-
Leewwota 20:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 “Israaʼelotaan akkana jedhi: ‘Namni biyya Israaʼel yookiin namni biyya ormaa Israaʼel keessa jiraatuu fi ijoollee isaa Moleekiif kennu kam iyyuu mamii tokko malee haa ajjeefamu.+ Namoonni biyyattii dhagaadhaan tumanii isa haa ajjeesan.
-
-
Keessa Deebii 18:10-12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Namni ilma isaa yookiin intala isaa ibiddaan gubu,*+ namni hooda dubbatu,+ namni falfala raawwatu,+ namni milkii ilaalu,+ 11 namni nama dawweessu, namni eker dubbistuu+ yookiin raagduu gaafatu+ yookiin namni warra duʼan gaafatu si gidduutti hin argamin.+ 12 Sababiin isaas, namni wantoota kana raawwatu kam iyyuu Yihowaa duratti jibbisiisaa dha; Waaqni kee Yihowaan si duraa isaan ariʼaa kan jirus gochawwan jibbisiisoo kanaan kan kaʼe dha.
-
-
Ermiyaas 32:35Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
35 Kana malees, ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii ibiddaan gubanii Moleekiif dhiheessuuf,+ iddoowwan ol kaʼoo Baʼaal isa Sulula Ilma Hinoom*+ keessatti argamu ijaaraniiru; Yihudaa cubbuu hojjechiisuuf wanta jibbisiisaa akkanaa akka raawwatan ani isaan hin ajajne,+ matumaas garaa kootti hin yaanne.’*
-