-
1 Saamuʼel 28:7-11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Dhuma irrattis Saaʼol tajaajiltoota isaatiin, “Dubartii ekeraa dubbistu+ naaf barbaadaa; anis dhaqeen ishii gaafadha” jedhe. Tajaajiltoonni isaas, “Kunoo, dubartiin ekeraa dubbistu tokko Een Door+ keessa jirti” jedhanii isaaf deebisan.
8 Kanaafuu, Saaʼol eenyummaa isaa dhoksee, akkasumas uffata kan biraa uffatee namoota isaa lamaa wajjin halkaniin gara dubartii sanaa dhaqe. Innis, “Maaloo dandeettii ekeraa dubbisuuf qabdutti fayyadamiitii wanta gara fuulduraa na beeksisi;+ nama ani sitti himus naaf kaasi” ishiidhaan jedhe. 9 Dubartittiin garuu, “Saaʼol maal akka godhe beekta; inni biyyattii keessaa eker dubbistootaa fi raagdota balleesseera.+ Maarree, na ajjeesisuuf yaaddee kiyyoo keessa na* galchuuf kan yaaltu maaliifi?”+ isaan jette. 10 Achiis Saaʼol, “Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha, ati waaʼee kanaatiif hin adabamtu!” jedhee maqaa Yihowaatiin ishiidhaaf kakate. 11 Yeroo kanatti dubartittiin, “Eenyuun siif kaasu?” isaan jette. Innis, “Saamuʼeliin naaf kaasi” jedhee ishiidhaaf deebise.
-