LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 24:5, 6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 “Daakuu bullaaʼaa fuudhiitii maxinoo bifa amartiitiin tolfame 12 tolchi. Tokkoon tokkoon maxinoo sanaa daakuu eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harka lamaan* haa tolfamu. 6 Achiis toora tokko irra jaʼa godhiitii+ toora lamaan minjaala warqii qulqulluu irraa tolfame irra Yihowaa dura isaan kaaʼi.+

  • 1 Saamuʼel 21:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Kanaafuu, achi kan ture daabboo ilaalchaa* isa guyyuma sanatti Yihowaa duraa fuudhamee daabboo hoʼaadhaan bakka buufame malee daabboon kan biraan waan hin jirreef, lubichi daabboo qulqulluu sana isaaf ni kenne.+

  • 1 Seenaa Baraa 9:32
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 32 Obboloota isaanii kan taʼan Qehaatota keessaa tokko tokko, yeroo hunda sanbata sanbata+ daabboo wal irra tuulamu*+ akka qopheessaniif itti gaafatamummaan isaaniif kennamee ture.

  • 2 Seenaa Baraa 13:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Isaan yeroo hundumaa ganamaa fi galgala+ Yihowaadhaaf aarsaan gubamu akka aaru gochaa, akkasumas ixaana urgaaʼu+ dhiheessaa jiru; daabboon wal irra tuulamu*+ minjaala warqii qulqulluu irra jira; isaan galgala galgala baattuu ibsaa warqii+ fi ibsaawwan isaanii ni ibsu;+ sababiin isaas, nuti itti gaafatamummaa Waaqa keenya Yihowaadhaaf qabnu raawwachaa jirra; isin garuu isa dhiistaniittu.

  • Maatewos 12:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Inni mana Waaqayyoo keessa hin seennee? Akkasumas innii fi namoonni isaa daabboo Waaqayyo duratti dhihaatu*+ isa luboota qofa+ malee, innis taʼe namoonni isaa wajjin turan nyaachuun isaaniif hin heyyamamne nyaatanii turan mitii?

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi