LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 24:7-9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Toora lamaan maxinoo sanaa irras ixaana adii qulqulluu kaaʼi; innis aarsaa isa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu taʼee maxinoo sana kan bakka buʼu ni taʼa.+ 8 Inni Sanbata Sanbata, yeroo hunda Yihowaa duratti tarree galchee isaan haa kaaʼu.+ Kun, Israaʼelotaaf kakuu dhaabbataa taʼe dha. 9 Inni kan Aaronii fi kan ilmaan isaa ni taʼa;+ aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu keessaas isaaf hundumaa caalaa qulqulluu waan taʼeef, isaan iddoo qulqulluu keessatti isa ni nyaatu.+ Kun, dambii dhaabbataa taʼe dha.”

  • Maarqos 2:25, 26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Inni garuu akkana isaaniin jedhe: “Daawit, innii fi namoonni isaa wajjin turan yeroo wanta nyaatan dhabanii beelaʼan maal akka godhe matumaa hin dubbisnee?+ 26 Seenaa waaʼee Abiyaataar+ dura buʼaa lubootaa ibsu keessatti, Daawit mana Waaqayyoo keessa seenee daabboo Waaqayyo duratti dhihaatu* isa luboota malee eenyu illee akka nyaatu hin heyyamamne+ akka nyaatee fi namoota isaa wajjin turaniifis akka kenne hin dubbisnee?”

  • Luqaas 6:3, 4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Yesuus garuu deebisee akkana isaaniin jedhe: “Daawit, innii fi namoonni isaa wajjin turan yeroo beelaʼanitti maal akka godhe matumaa hin dubbisnee?+ 4 Inni mana Waaqayyoo keessa hin seennee? Daabboo Waaqayyo duratti dhihaatu* isa luboota qofa malee, eenyu iyyuu akka nyaatu hin heyyamamne+ fuudhee nyaatee, namoota isaa wajjin turaniifis kennee hin turree?”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi