-
Maatewos 12:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Innis akkana isaaniin jedhe: “Daawit, innii fi namoonni isaa wajjin turan yeroo beelaʼanitti maal akka godhe hin dubbisnee?+ 4 Inni mana Waaqayyoo keessa hin seennee? Akkasumas innii fi namoonni isaa daabboo Waaqayyo duratti dhihaatu*+ isa luboota qofa+ malee, innis taʼe namoonni isaa wajjin turan nyaachuun isaaniif hin heyyamamne nyaatanii turan mitii?
-
-
Luqaas 6:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Yesuus garuu deebisee akkana isaaniin jedhe: “Daawit, innii fi namoonni isaa wajjin turan yeroo beelaʼanitti maal akka godhe matumaa hin dubbisnee?+ 4 Inni mana Waaqayyoo keessa hin seennee? Daabboo Waaqayyo duratti dhihaatu* isa luboota qofa malee, eenyu iyyuu akka nyaatu hin heyyamamne+ fuudhee nyaatee, namoota isaa wajjin turaniifis kennee hin turree?”
-