-
Leewwota 2:10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Wanti aarsaa midhaanii irraa hafe kan Aaronii fi kan ilmaan isaa ti; kunis aarsaawwan Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatan keessaa hundumaa caalaa qulqulluu dha.+
-
-
Leewwota 6:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 “‘Seerri aarsaa midhaanii kana dha:+ Isin warri ilmaan Aaron taatan, iddoo aarsaa fuulduratti Yihowaa duratti isa ni dhiheessitu.
-
-
Leewwota 24:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Inni Sanbata Sanbata, yeroo hunda Yihowaa duratti tarree galchee isaan haa kaaʼu.+ Kun, Israaʼelotaaf kakuu dhaabbataa taʼe dha. 9 Inni kan Aaronii fi kan ilmaan isaa ni taʼa;+ aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu keessaas isaaf hundumaa caalaa qulqulluu waan taʼeef, isaan iddoo qulqulluu keessatti isa ni nyaatu.+ Kun, dambii dhaabbataa taʼe dha.”
-
-
Lakkoofsa 18:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Wantoota hundumaa caalaa qulqulluu taʼanii fi aarsaawwan ibiddaan dhihaatan keessaa aarsaawwan midhaanii+ isaanii, aarsaawwan cubbuu+ isaanii fi aarsaawwan yakkaa+ isaanii warra gara kootti fidan dabalatee aarsaan isaan dhiheessan hundi kan kee ni taʼa. Kun sii fi ilmaan keetiif hundumaa caalaa qulqulluu dha.
-