-
Baʼuu 36:20-23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Achiis godoo qulqulluu sanaaf muka laaftoo+ irraa maqaaniiwwan ol dhaabbatan ni tolche.+ 21 Tokkoon tokkoon maqaanii kanaa ol dheerinni isaa dhundhuma kudhan, dalgi isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa ture. 22 Maqaanichi tokkoon tokkoon isaa muchawwan wal bira jiran lama qaba ture. Maqaaniiwwan godoo qulqulluu hundumaa kan tolche akka kanaan ture. 23 Akka kanaan karaa kibba godoo qulqulluutiif maqaaniiwwan kallattii kibbaatti garagalan 20 ni tolche.
-