-
Baʼuu 39:27, 28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Sana booda isaan Aaronii fi ilmaan isaatiif foʼaa quncee talbaa baʼeessa namni wayyaa dhaʼu qopheesse irraa uffata dheeraa ni tolchan;+ 28 marata mataa+ foʼaa quncee talbaa baʼeessa taʼe irraa tolfame, marata mataa faayawwaniin miidhagfamee+ fi foʼaa quncee talbaa baʼeessa taʼe irraa tolfame, qumxaawwan* foʼaa quncee talbaa+ baʼeessa taʼee foʼame irraa tolfaman,
-
-
Baʼuu 39:30, 31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 Dhuma irrattis warqii qulqulluu irraa wanta diriiraa calaqqisu, jechuunis mallattoo qulqulluu kan murteeffaman taʼuu argisiisu* tolchanii akkuma namni tokko chaappaa bocutti, “Qulqullummaan kan Yihowaa ti” jedhanii irratti bocan.+ 31 Akkuma Yihowaan Musee ajajettis, marata mataa sana irra akka taaʼuuf funyoo bifa cuquliisaa isatti ni hidhan.
-