-
Leewwota 7:34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
34 Ani aarsaawwan gamtaa isa Israaʼelonni dhiheessan irraa handaraafa horii aarsaa sochoofamu taʼee dhihaatee fi luka isa gaʼee qulqulluu taʼee dhihaate nan fudhadha; Israaʼelotaaf dambii dhaabbataa akka taʼuufis Aaron lubichaa fi ilmaan isaatiif nan kenna.+
-
-
Leewwota 10:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Kana malees ati, ijoolleen dhiiraa kee fi ijoolleen durbaa kee warri sii wajjin jiran+ handaraafa aarsaa sochoofamuu fi luka gaʼee qulqulluu taʼe+ sana iddoo qulqulluu keessatti nyaadhaa; sababiin isaas, wantoonni kun aarsaawwan gamtaa Israaʼelonni dhiheessan keessaa gaʼee kee fi gaʼee ilmaan keetii akka taʼaniif kan kennamani dha.
-