-
Baʼuu 29:26-28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 “Achiis handaraafa korbeessa hoolaa isa yeroo luboonni muudamanitti sirna geggeeffamu+ irratti Aaroniif dhihaatu sanaa fuudhiitii asii fi achi sochoosuudhaan Yihowaa duratti aarsaa sochoofamu godhii dhiheessi; innis gaʼee kee ni taʼa. 27 Qoma aarsaa sochoofamu sanaa fi luka gaʼee qulqulluu warra sochoofaman, warra korbeessa hoolaa yeroo luboonni muudamanitti sirna geggeeffamu+ irratti Aaronii fi ilmaan isaatiif dhihaatu irraa fudhataman sana qulqulleessi. 28 Wanti kun gaʼee qulqulluu waan taʼeef, kan Aaronii fi kan ilmaan isaa haa taʼu; Israaʼelonnis wanta kana dambii dhaabbataa godhanii raawwatu; kun gaʼee qulqulluu Israaʼelonni kennan ni taʼa.+ Kun aarsaawwan gamtaa isaanii keessaa gaʼee isaanii isa qulqulluu isa Yihowaadhaaf kennamu dha.+
-
-
Leewwota 7:34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
34 Ani aarsaawwan gamtaa isa Israaʼelonni dhiheessan irraa handaraafa horii aarsaa sochoofamu taʼee dhihaatee fi luka isa gaʼee qulqulluu taʼee dhihaate nan fudhadha; Israaʼelotaaf dambii dhaabbataa akka taʼuufis Aaron lubichaa fi ilmaan isaatiif nan kenna.+
-
-
Leewwota 9:21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Handaraafa sanaa fi luka mirgaa sana garuu Aaron akkuma Museen ajajametti asii fi achi sochoosuudhaan Yihowaa duratti aarsaa sochoofamu godhee dhiheesse.+
-