-
Leewwota 3:3-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Inni kutaa aarsaa gamtaa kana aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu godhee ni dhiheessa:+ cooma+ marʼimaan uwwise, cooma marʼimaanitti marsee jiru hundumaa, 4 akkasumas kaleewwan lamaanii fi cooma isaan irra jiru, jechuunis cooma mudhii bira jiru. Kana malees inni cooma tiruu irra jiru kaleewwan isaa wajjin ni baasa.+ 5 Ilmaan Aaronis qoraan isa iddoo aarsaa irratti bobaʼu irratti aarsaa gubamu sana gubbaatti isa ni aarsu;+ kunis aarsaa ibiddaan dhihaatu isa urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* dha.+
-