-
Leewwota 7:29-31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Namni Yihowaadhaaf aarsaa gamtaa dhiheessu kam iyyuu, aarsaa gamtaa+ isaa irraa hamma tokko Yihowaadhaaf haa fidu. 30 Aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu akka taʼuufis cooma sana handaraafa isaa wajjin harka isaatiin ni fida;+ achiis asii fi achi sochoosuudhaan Yihowaa duratti aarsaa sochoofamu godhee ni dhiheessa.+ 31 Lubichi coomni isaa iddoo aarsaa irratti akka aaru godha;+ handaraafni isaa garuu kan Aaronii fi kan ilmaan isaa ni taʼa.+
-