-
2 Seenaa Baraa 26:18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Achiis, “Yaa Ooziyaa, ati Yihowaadhaaf ixaana aarsuun kee sirrii miti!+ Isaan sanyii Aaron warra qulqulleeffaman waan taʼaniif ixaana aarsuu kan qaban luboota qofa dha.+ Ati amanamaa waan hin taaneef, iddoo qulqulluu keessaa baʼi; kana gochuun kee Yihowaa biraa ulfina siif hin argamsiisu” jedhanii Ooziyaa Mooticha morman.
-
-
Hisqiʼel 8:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Jaarsoliin mana Israaʼel 70ni isaan dura dhaabbatanii turan; Yaaʼaazaaniyaan ilmi Shaafaan+ immoo isaan gidduu dhaabbatee ture. Tokkoon tokkoon isaanii qodaa ixaana itti aarsan harka isaaniitti qabatanii turan; aarri ixaanichaa inni urgaaʼus ni aara ture.+ 12 Innis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, wanta jaarsoliin mana Israaʼel tokkoon tokkoon isaanii dukkana keessatti, kutaawwan warra gara keessaa, bakka waaqoliin tolfamoo isaanii kaaʼamanitti raawwachaa jiran ni argitaa? Isaan, ‘Yihowaan nu hin argu. Yihowaan biyyattii dhiiseera’ jedhu.”+
-