-
Baʼuu 18:25, 26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Museen guutummaa Israaʼel keessaa namoota gaʼumsa qaban filatee ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, ajajjoota shantamaa fi ajajjoota kudhanii godhee sabicha irratti isaan muude. 26 Kanaafuu, yommuu dhimmi tokko kaʼu isaan sabichaaf murtii ni kennu turan. Dhimma ulfaataa taʼe gara Museetti fidu turan;+ dhimma salphaa taʼe hundumaa garuu isaantu murteessa ture.
-
-
Lakkoofsa 27:1-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Achiis maatiiwwan Minaasee isa ilma Yoseef taʼe keessaa, ijoolleen durbaa Zelofehaad+ isa ilma Hefeer, ilma Giiliyaad, ilma Maakiir, ilma Minaasee taʼe sanaa ni dhihaatan. Maqaan ijoollee durbaa isaa Maahlaa, Noh, Hoglaa, Miilkaa fi Tirzaa ture. 2 Isaanis balbala dunkaana walgaʼii irratti Musee, Eleʼazaar lubicha, ajajjootaa+ fi guutummaa yaaʼichaa dura dhaabbatanii akkana jedhan: 3 “Abbaan keenya lafa onaa keessatti duʼe; inni cubbuu ofii isaatiin duʼe malee, deggertoota Qoraa+ warra gareedhaan gurmaaʼanii Yihowaa morman sana keessaa tokko hin turre; ijoollee dhiiraas hin qabu ture. 4 Inni ilma waan hin qabneef, maqaan abbaa keenyaa maatii isaa keessaa maaliif bada ree? Obboloota abbaa keenyaa gidduutti dhaala nuuf kennaa.” 5 Kanaafuu, Museen dhimma isaanii Yihowaa duratti dhiheesse.+
-