LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 29:16-18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Korbeessa hoolaa sana qaliitii dhiiga isaa cinaa iddoo aarsaa sanaa hundumaa irratti facaasi.+ 17 Korbeessa hoolaa sana buusaa buusaa isaatti kukkuti; marʼimaan isaa fi luka isaas dhiqi;+ achiis buusaawwan sana mataa isaa wajjin iddoo aarsaa irratti tarree galchii naqi. 18 Guutummaa korbeessa hoolaa sanaa gubiitii iddoo aarsaa irratti akka aaru godhi. Kun aarsaa gubamu isa urgaan isaa Yihowaa gammachiisu*+ dha. Akkasumas aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu dha.

  • Leewwota 8:18-21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Korbeessa hoolaa aarsaa gubamuuf dhihaatu sanas ni fide; Aaronii fi ilmaan isaas harka isaanii mataa korbeessa sanaa irra ni kaaʼan.+ 19 Achiis Museen isa qalee dhiiga isaa cinaa iddoo aarsaa sanaa hundumaa irratti facaase. 20 Museen korbeessa hoolaa sana buusaa buusaa isaatti kukkutee mataan isaa, buusaawwan isaa fi moorri isaa* akka aaru godhe. 21 Achiis marʼimaan isaa fi luka isaa bishaaniin dhiqee korbeessi hoolaa sun guutummaatti iddoo aarsaa irratti akka aaru godhe. Kun aarsaa gubamu isa urgaan isaa gammachiisu* dha. Kun akkuma Yihowaan Musee ajajee turetti aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu dha.

  • Leewwota 9:12-14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Achiis horii aarsaa gubamuu sana ni qale; ilmaan Aaronis dhiigicha isatti kennan; innis cinaa iddoo aarsaa sanaa hundumaa irratti isa facaase.+ 13 Horii aarsaa gubamuu isa buusaa buusaatti kukkutame sana mataa isaa wajjin isatti ni kennan; innis iddoo aarsaa irratti akka aaran godhe. 14 Kana malees, marʼimaan isaa fi miila isaa ni dhiqe; achiis iddoo aarsaa irratti, aarsaa gubamu sana gubbaatti akka aaran godhe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi