-
Leewwota 3:14-16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Kutaan aarsaa isaa inni namichi aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu godhee dhiheessu kana dha: cooma marʼimaan uwwise, cooma marʼimaanitti marsee jiru hundumaa,+ 15 akkasumas, kaleewwan lamaanii fi cooma isaan irra jiru, jechuunis cooma mudhii bira jiru. Kana malees cooma tiruu irra jiru kaleewwan isaa wajjin ni baasa. 16 Lubichis nyaata,* jechuunis aarsaa urgaan isaa gammachiisuu* fi ibiddaan dhihaatu godhee iddoo aarsaa irratti isa ni aarsa. Coomni hundi kan Yihowaa ti.+
-