LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 18:38, 39
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 38 Yeroo kanatti ibiddi Yihowaa gubbaadhaa gad buʼee aarsaa gubamu sana, qoraanicha, dhagoota sanaa fi biyyoo sana ni nyaate;+ bishaan boollicha keessa tures ni arraabe.+ 39 Namoonni sun hundis yommuu kana argan, yeruma sana adda isaaniitiin gombifamanii, “Yihowaan Waaqa dhugaa dha! Yihowaan Waaqa dhugaa dha” jedhan.

  • 2 Seenaa Baraa 7:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Solomoon kadhannaa isaa akkuma xumureen,+ ibiddi samii irraa buʼee+ aarsaa gubamuu fi aarsaawwan kan biroo ni nyaate; ulfinni Yihowaas manicha ni guute.+

  • 2 Seenaa Baraa 7:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Namoonni Israaʼel hundi, yommuu ibiddichi gad buʼuu fi ulfinni Yihowaa manicha irratti mulʼatu ilaalaa turan; isaanis adda isaaniitiin lafa dhagaan irra afame irratti gombifamanii sagaduudhaan, “Inni gaarii dha; jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata” jedhanii Yihowaa galateeffatan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi