-
1 Mootota 18:23, 24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Namoonni kun jiboota lama nuuf haa kennan; raajonni Baʼaal jibicha tokko filatanii kukkutanii qoraanicha irra haa kaaʼan; garuu ibidda itti qabsiisuu hin qaban. Ani immoo jibicha isa kan biraa qopheessee qoraanicha irra nan kaaʼa; garuu ibidda itti hin qabsiisu. 24 Achiis isin maqaa waaqa keessanii waammadhaa;+ anis maqaa Yihowaa nan waammadha. Waaqni ibidda ergee deebii kennu, inni Waaqa dhugaa dha.”+ Yeroo kanatti namoonni sun hundi, “Wanti ati jette gaarii dha” jedhanii isaaf deebisan.
-