LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 9:23, 24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Dhuma irrattis Musee fi Aaron gara dunkaana walgaʼichaatti seenanii achii erga baʼanii booda sabicha eebbisan.+

      Yeroo kanatti ulfinni Yihowaa guutummaa sabichaatti ni mulʼate;+ 24 achiis ibiddi Yihowaa biraa baʼee+ aarsaa gubamuu fi cooma iddoo aarsaa irra jiru sana nyaachuu jalqabe. Guutummaan sabichaas yommuu kana argan gammachuudhaan iyyuu jalqaban; achiis adda isaaniitiin lafatti gombifaman.+

  • Keessa Deebii 4:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Sababiin isaas Waaqni keessan Yihowaan ibidda gubee balleessu,+ Waaqa guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu dha.+

  • Abbootii Murtii 6:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Achiis maleekaan Yihowaa ulee harka isaa keessa jiru diriirsee fiixee isaatiin foonichaa fi maxinoo sana ni tuqe; ibiddis qarsaa sana keessaa baʼee foonichaa fi maxinoo sana nyaatee fixe.+ Sana booda maleekaan Yihowaa ija isaa duraa ni bade.

  • 1 Seenaa Baraa 21:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 Achiis Daawit bakka sanatti Yihowaadhaaf iddoo aarsaa ijaaree,+ aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan gamtaa dhiheesse; Yihowaas ni waammate; innis yeroo kanatti aarsaawwan iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu sana irra jiran gubuuf samii irraa ibidda erguudhaan deebii isaaf ni kenne.+

  • 2 Seenaa Baraa 7:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Solomoon kadhannaa isaa akkuma xumureen,+ ibiddi samii irraa buʼee+ aarsaa gubamuu fi aarsaawwan kan biroo ni nyaate; ulfinni Yihowaas manicha ni guute.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi