-
Leewwota 14:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 “Seerri namni dhukkuba nadaayiitiin qabame tokko qulqullaaʼuu isaa mirkaneessuuf guyyaa gara lubichaatti geeffamutti hordofamuu qabu kana dha.+
-
-
Leewwota 14:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 “Namichi of qulqulleessu sunis uffata isaa ni miiccata, rifeensa isaa hundumaa ni haaddata, bishaaniinis ni dhiqata, achiis qulqulluu ni taʼa. Sana booda gara buufatichaatti dhufuu kan dandaʼu taʼus, guyyaa torbaaf dunkaana isaatii ala ni taaʼa.
-
-
Leewwota 15:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Namni siree isaa tuqu uffata isaa miiccachuu fi qaama isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; hamma galgalaattis xuraaʼaa ni taʼa.+
-
-
Lakkoofsa 19:10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Namni daaraa saʼa sanaa walitti qabu uffata isaa ni miiccata; innis hamma galgalaatti xuraaʼaa ni taʼa.
“‘Kun Israaʼelotaa fi nama biyya ormaa isaan gidduu jiraatuuf dambii dhaabbataa ni taʼa.+
-