LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 14:49-53
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 49 Innis manicha xuraaʼummaa* isaa irraa qulqulleessuuf, simbirroota lama, muka gaattiraa, foʼaa diimaa fi hiisoophii ni fudhata.+ 50 Sana booda simbirroo ishii takka miʼa suphee bishaan burqaa qabate irratti ni qala. 51 Achiis muka gaattiraa, hiisoophii, foʼaa diimaa fi simbirroo ishii lubbuudhaan jirtu fuudhee dhiiga simbirroo ishii qalamte sana keessaa fi bishaan burqaa sana keessa cuuphee siʼa torba gara manichaatti ni facaasa.+ 52 Innis dhiiga simbirroo, bishaan burqaa, simbirroo lubbuudhaan jirtu, muka gaattiraa, hiisoophii fi foʼaa diimaa sanaan xuraaʼummaa* irraa manicha ni qulqulleessa. 53 Achiis simbirroo ishii lubbuudhaan jirtu magaalattiidhaa ala dirree keessatti gadhiisa; manichaafis araara argamsiisa; manichis qulqulluu ni taʼa.

  • Lakkoofsa 19:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Lubichis muka gaattiraa, hiisoophii+ fi foʼaa diimaa fuudhee ibidda saani sun itti gubamaa jirtu keessatti darbata.

  • Lakkoofsa 19:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 “‘Namni qulqulluu taʼe tokkos daaraa saʼa+ sanaa walitti qabee buufatichaa ala bakka qulqulluu taʼe tokkotti ni tuula; yaaʼiin Israaʼelis bishaan qulqulleessuuf oolu+ sana qopheessuuf daaraa sana ni kaaʼa. Kun aarsaa cubbuu ti.

  • Faarfannaa 51:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Qulqulluu akkan taʼuuf, hiisoophiidhaan cubbuu koo irraa na qulqulleessi;+

      Cabbii caalaas akkan addaadhuuf na dhiqi.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi