-
Leewwota 14:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Lubichi buufatichaa alatti baʼee isa ni qora. Namichi dhukkuba nadaayii sana irraa yoo fayye, 4 lubichi namichi of qulqulleessuuf simbirroota qulqulluu taʼan lama, muka gaattiraa, foʼaa diimaa fi hiisoophii akka fidu isa ajaja.+
-
-
Ibroota 9:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Dhiigni reʼootaa fi dhiigni jibootaa,+ akkasumas daaraan goromsaa warra xuraaʼan irratti facaafamu foon ni qulqulleessa erga taʼee,+ 14 dhiigni Kiristoos+ isa hafuura bara baraatiin mudaa malee ofii isaa Waaqayyoof dhiheesse sanaa, Waaqa jiraataadhaaf tajaajila qulqulluu dhiheessuu akka dandeenyuuf+ qalbii keenya hojiiwwan duʼan irraa caalaatti hin qulqulleessuu ree?+
-