-
Leewwota 10:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Boodas ilmaan Aaron kan taʼan Naadaabii fi Abihuun+ qodaa ibiddaa fuudhanii ibidda erga itti naqanii booda ixaana+ isa irra kaaʼan. Achiis Yihowaa duratti ibidda isa hin heyyamamne,+ jechuunis isa inni akka raawwatan isaan hin ajajne dhiheessuu jalqaban. 2 Yeroo kanatti ibiddi Yihowaa biraa baʼee isaan nyaate;+ kanaafuu, isaan Yihowaa duratti ni duʼan.+
-