LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 30:34-36
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 34 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Urgooftuuwwan kana,+ jechuunis haphee coccophu, oniikaa,* haphee urgaaʼuu fi ixaana adii qulqulluu taʼe wal qixa godhiitii fudhadhu. 35 Atis ixaana godhii isa qopheessi;+ urgooftuun kun ogummaadhaan walitti haa makamu, soogiddi itti haa naqamu,+ homtuu itti hin makamin, akkasumas qulqulluu haa taʼu. 36 Atis muraasa isaa tumiitii bulleessi; achiis muraasa isaa bakka ani sitti mulʼadhu, jechuunis Dhugaa Baatuu isa dunkaana walgaʼii keessa jiru fuuldura kaaʼi. Innis isiniif hundumaa caalaa qulqulluu taʼuu qaba.

  • Mulʼata 5:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Yommuu inni maraa kitaabaa sana fudhatu, uumamawwan jiraatoon arfanii fi jaarsoliin 24+ Hoolicha duratti gombifaman; tokkoon tokkoon isaanii baganaa fi saanii warqii ixaanni itti guutame qabatanii turan. (Ixaanichi kadhannaa qulqullootaa argisiisa.)+

  • Mulʼata 8:3-5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Maleekaa kan biraan qodaa ixaanaa warqii irraa tolfame qabate tokko dhufee iddoo aarsaa+ bira dhaabbate; inni kadhannaa qulqulloota hundumaa wajjin iddoo aarsaa warqii irraa tolfame+ isa teessicha dura jiru irratti akka dhiheessuuf ixaanni hedduun+ isaaf kenname. 4 Aarri ixaanichaa kadhannaa+ qulqullootaa wajjin harka maleekichaa irraa Waaqayyo duratti ol baʼe. 5 Taʼus yeruma sana maleekichi qodaa ixaanaa sana fudhatee ibidda iddoo aarsaa irraa itti guutee gara lafaatti darbate. Achiis kakawween, sagaleen, balaqqeessi bakakkaa+ fi kirkirri lafaa ni taʼe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi