5 Inni garuu yakka keenyaaf ni waraaname;+
Balleessaa keenyaafis ni caccabsame.+
Nagaa nuuf argamsiisuuf jedhee adaba ni baate,+
Madaa isaatiin kan kaʼes nuti ni fayyine.+
6 Hundi keenya akkuma hoolaa asii fi achi ni joorre,+
Tokkoon tokkoon keenyas daandii mataa mataa keenyaa irra ni deemne,
Yihowaanis balleessaan hunda keenyaa isa irra akka buʼu ni godhe.+