Baʼuu 20:7 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 7 “Yihowaan isa maqaa isaa akkasumaan dhaʼu utuu hin adabin waan hin dhiisneef,+ ati maqaa Waaqa kee Yihowaa akkasumaan hin dhaʼin.+ Baʼuu 22:28 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 28 “Waaqayyoon hin abaarin;+ geggeessaa* saba kee gidduu jirus hin abaarin.+ Leewwota 19:12 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 12 Isin maqaa kootiin sobaan kakattanii+ maqaa Waaqa keessanii hin xureessinaa. Ani Yihowaa dha.
7 “Yihowaan isa maqaa isaa akkasumaan dhaʼu utuu hin adabin waan hin dhiisneef,+ ati maqaa Waaqa kee Yihowaa akkasumaan hin dhaʼin.+