-
Luqaas 6:34, 35Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
34 Kana malees, warra nuuf deebisu jettanii abdattaniif yoo liqeessitan* galata maalii argattu?+ Cubbamoonni illee, wanta liqeeffatan hunda nuu deebisu jedhanii abdachuudhaan cubbamootaaf ni liqeessu. 35 Kanaa mannaa, diinota keessan jaallachuu, wanta gaarii gochuu fi deebisnee arganna jettanii utuu hin abdatin liqeessuu keessan itti fufaa;+ kana yoo gootan badhaasni keessan guddaa taʼa, ilmaan Isa Hundaa Oliis ni taatu; sababiin isaas, inni warra hin galateeffannee fi hamootaaf illee gaarii dha.+
-