LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 15:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Yihowaan biyya Waaqni kee Yihowaan dhaalaan siif kennu keessatti dhugumaan waan si eebbisuuf,+ si gidduudhaa eenyu iyyuu hiyyeessa taʼuu hin qabu;

  • Keessa Deebii 15:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 “Magaalota kee warra biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennutti argaman keessaa isa tokko keessatti obboloota kee keessaa inni tokko si gidduutti hiyyeessa yoo taʼe, obboleessa kee isa hiyyeessa taʼe sanatti garaa hin jabaatin yookiin harka kee isaaf diriirsuu irraa duubatti hin jedhin.+

  • Keessa Deebii 15:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Waaqni kee Yihowaan hojii kee fi wanta raawwattu hundumaatti kan si eebbisu sababa kanaan waan taʼeef,+ ati arjummaadhaan isaaf kenni+ malee, garaa duuba isaaf hin kennin.

  • Fakkeenya 19:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Namni rakkataatti gaarummaa argisiisu Yihowaadhaaf liqeessa,+

      Innis wanta inni godheef gatii isaa isaaf ni deebisa.*+

  • Luqaas 6:34, 35
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 34 Kana malees, warra nuuf deebisu jettanii abdattaniif yoo liqeessitan* galata maalii argattu?+ Cubbamoonni illee, wanta liqeeffatan hunda nuu deebisu jedhanii abdachuudhaan cubbamootaaf ni liqeessu. 35 Kanaa mannaa, diinota keessan jaallachuu, wanta gaarii gochuu fi deebisnee arganna jettanii utuu hin abdatin liqeessuu keessan itti fufaa;+ kana yoo gootan badhaasni keessan guddaa taʼa, ilmaan Isa Hundaa Oliis ni taatu; sababiin isaas, inni warra hin galateeffannee fi hamootaaf illee gaarii dha.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi