LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 25:35, 36
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 35 “‘Obboleessi kee sitti dhihoo jiraatu tokko yoo hiyyoomee fi of gargaaruu yoo dadhabe, inni sii wajjin lubbuudhaan jiraachuu isaa akka itti fufuuf, akkuma nama biyya ormaa fi qubataadhaaf+ gootu isas gargaaruu qabda.+ 36 Isa irraa dhala yookiin buʼaa* hin fudhatin.+ Waaqa kee sodaadhu;+ obboleessi kees lubbuudhaan sii wajjin ni jiraata.

  • Keessa Deebii 15:7, 8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 “Magaalota kee warra biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennutti argaman keessaa isa tokko keessatti obboloota kee keessaa inni tokko si gidduutti hiyyeessa yoo taʼe, obboleessa kee isa hiyyeessa taʼe sanatti garaa hin jabaatin yookiin harka kee isaaf diriirsuu irraa duubatti hin jedhin.+ 8 Kanaa mannaa, arjummaadhaan harka kee isaaf bani;+ hamma dandaʼametti wanta isa barbaachisu yookiin wanta isatti hirʼate isaaf liqeessi.*

  • Maatewos 5:42
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 42 Nama si kadhatuuf kenni; nama si irraa liqeeffachuu* barbaadus hin dhowwatin.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi