LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 25:35
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 35 “‘Obboleessi kee sitti dhihoo jiraatu tokko yoo hiyyoomee fi of gargaaruu yoo dadhabe, inni sii wajjin lubbuudhaan jiraachuu isaa akka itti fufuuf, akkuma nama biyya ormaa fi qubataadhaaf+ gootu isas gargaaruu qabda.+

  • Fakkeenya 19:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Namni rakkataatti gaarummaa argisiisu Yihowaadhaaf liqeessa,+

      Innis wanta inni godheef gatii isaa isaaf ni deebisa.*+

  • Maatewos 5:42
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 42 Nama si kadhatuuf kenni; nama si irraa liqeeffachuu* barbaadus hin dhowwatin.+

  • Luqaas 6:34, 35
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 34 Kana malees, warra nuuf deebisu jettanii abdattaniif yoo liqeessitan* galata maalii argattu?+ Cubbamoonni illee, wanta liqeeffatan hunda nuu deebisu jedhanii abdachuudhaan cubbamootaaf ni liqeessu. 35 Kanaa mannaa, diinota keessan jaallachuu, wanta gaarii gochuu fi deebisnee arganna jettanii utuu hin abdatin liqeessuu keessan itti fufaa;+ kana yoo gootan badhaasni keessan guddaa taʼa, ilmaan Isa Hundaa Oliis ni taatu; sababiin isaas, inni warra hin galateeffannee fi hamootaaf illee gaarii dha.+

  • Galaatiyaa 2:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Isaan hiyyeeyyii akka yaadannu qofa nutti himan; anis kana gochuuf carraaqqii guddaa godheera.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi