LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 15:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 “Magaalota kee warra biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennutti argaman keessaa isa tokko keessatti obboloota kee keessaa inni tokko si gidduutti hiyyeessa yoo taʼe, obboleessa kee isa hiyyeessa taʼe sanatti garaa hin jabaatin yookiin harka kee isaaf diriirsuu irraa duubatti hin jedhin.+

  • Faarfannaa 41:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 41 Namni rakkataadhaaf yaadu gammadaa dha;+

      Yihowaan guyyaa rakkinaatti isa ni oolcha.

  • Faarfannaa 112:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  5 Namni arjummaadhaan* liqeessu gaarii isaaf ni taʼa.+

      י [Yood]

      Dhimmoota isaa haqaan ni raawwata.

  • Fakkeenya 3:27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Gargaaruuf humna yoo qabaatte,*

      Warra isaan barbaachisuuf wanta gaarii hin dhowwatin.+

  • Fakkeenya 19:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Namni rakkataatti gaarummaa argisiisu Yihowaadhaaf liqeessa,+

      Innis wanta inni godheef gatii isaa isaaf ni deebisa.*+

  • Maarqos 14:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Hiyyeeyyiin yeroo hunda isinii wajjin waan jiraniif,+ yeroo barbaaddan hundatti waan gaarii isaaniif gochuu dandeessu; anaan garuu yeroo hunda hin argattan.+

  • Hojii Ergamootaa 11:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Kanaafuu, barattoonni obboloota Yihudaa keessa jiraataniif gargaarsa* erguuf+ jecha tokkoon tokkoon isaanii hamma humna isaanii buusii gochuuf murteessan;+

  • 1 Ximotewos 6:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Wanta gaarii akka hojjetan, hojii gaariidhaan badhaadhota akka taʼan, arjoota akka taʼanii fi warra kaaniif hiruuf qophaaʼoo akka taʼan,+

  • 1 Yohaannis 3:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Haa taʼu malee, namni qabeenya addunyaa kanaa qabu kam iyyuu obboleessi isaa utuu rakkatuu argee yoo garaa isaaf laafuu dide, jaalalli Waaqayyoo akkamitti isa keessa jiraata?+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi