LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 15:7, 8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 “Magaalota kee warra biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennutti argaman keessaa isa tokko keessatti obboloota kee keessaa inni tokko si gidduutti hiyyeessa yoo taʼe, obboleessa kee isa hiyyeessa taʼe sanatti garaa hin jabaatin yookiin harka kee isaaf diriirsuu irraa duubatti hin jedhin.+ 8 Kanaa mannaa, arjummaadhaan harka kee isaaf bani;+ hamma dandaʼametti wanta isa barbaachisu yookiin wanta isatti hirʼate isaaf liqeessi.*

  • Luqaas 3:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Innis deebisee, “Namni uffata lama* qabu, isa tokko nama homaa hin qabneef haa kennu; namni wanta nyaatamu qabus akkanuma haa godhu”+ isaaniin jedhe.

  • Roomaa 12:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Qulqullootaaf akka rakkina isaaniitti isaaniif kennaa.+ Keessummoota simachuu amaleeffadhaa.+

  • Yaaqoob 2:15, 16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Obboleessi yookiin obboleettiin kam iyyuu uffataa* fi nyaata guyyichaaf isaan barbaachisu hin qaban yoo taʼe, 16 garuu isin keessaa namni tokko, “Nagaadhaan deemaa; isinitti haa hoʼu, quufaas” yoo isaaniin jedhee fi wanta qaama isaaniitiif barbaachisu yoo isaaniif kennuu baate maal isaan fayyada?+

  • 1 Yohaannis 4:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Namni kam iyyuu, “Waaqayyoon nan jaalladha” utuu jedhuu obboleessa isaa kan jibbu yoo taʼe inni sobduu dha.+ Namni obboleessa isaa isa ijaan argu hin jaallanne,+ Waaqayyo isa ijaan hin argine jaallachuu hin dandaʼu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi