LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 15:7, 8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 “Magaalota kee warra biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennutti argaman keessaa isa tokko keessatti obboloota kee keessaa inni tokko si gidduutti hiyyeessa yoo taʼe, obboleessa kee isa hiyyeessa taʼe sanatti garaa hin jabaatin yookiin harka kee isaaf diriirsuu irraa duubatti hin jedhin.+ 8 Kanaa mannaa, arjummaadhaan harka kee isaaf bani;+ hamma dandaʼametti wanta isa barbaachisu yookiin wanta isatti hirʼate isaaf liqeessi.*

  • Maatewos 25:35, 36
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 35 Sababiin isaas, ani beelaʼee na nyaachistaniittu; dheebodhee na obaastaniittu. Keessummaa taʼee na simattaniittu;+ 36 daaree daara na baastaniittu.+ Dhukkubsadhee na kunuunsitaniittu. Hidhamees na gaafattaniittu.’+

  • Luqaas 3:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Innis deebisee, “Namni uffata lama* qabu, isa tokko nama homaa hin qabneef haa kennu; namni wanta nyaatamu qabus akkanuma haa godhu”+ isaaniin jedhe.

  • Roomaa 12:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Qulqullootaaf akka rakkina isaaniitti isaaniif kennaa.+ Keessummoota simachuu amaleeffadhaa.+

  • 1 Ximotewos 5:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Haa taʼu malee, dubartiin abbaan manaa irraa duʼe tokko ijoollee yookiin ijoollee ijoollee yoo qabaatte, kun Waaqayyo duratti fudhatama waan qabuuf,+ jalqaba isaan maatii ofii isaanii+ keessatti Waaqayyoof akka bulan argisiisuu, akkasumas wanta warra isaanii, akkoo fi akaakayyuu isaaniitiif malu deebisanii kaffaluu+ haa baratan.

  • Yaaqoob 1:27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Akka ilaalcha Waaqaa fi Abbaa keenyaatti waaqeffannaan* qulqulluunii fi xurii hin qabne, ijoollee warra hin qabnee+ fi dubartoota abbootiin manaa irraa duʼan+ rakkina isaanii irratti gargaaruu,+ akkasumas xurii addunyaa irraa of eeguu dha.+

  • 1 Yohaannis 3:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Haa taʼu malee, namni qabeenya addunyaa kanaa qabu kam iyyuu obboleessi isaa utuu rakkatuu argee yoo garaa isaaf laafuu dide, jaalalli Waaqayyoo akkamitti isa keessa jiraata?+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi