-
Lakkoofsa 14:29, 30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Warri umuriin keessan waggaa 20 fi isaa ol taʼee galmeeffamtan hundi, jechuunis warri ana irratti gungumtan hundi+ reeffi keessan lafa onaa kana keessatti ni kukkufa.+ 30 Kaaleb ilma Yofunee fi Iyyaasuu ilma Nuuniin alatti+ tokkoon keessan illee biyya akka keessa jiraattan isiniif kakadhetti* hin galtan.+
-
-
Iyyaasuu 14:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Kebroon hamma harʼaatti dhaala Kaaleb ilma Yofunee Qeenizichaa kan taate kanaafi; sababiin isaas, inni garaa guutuudhaan Yihowaa Waaqa Israaʼel duukaa buʼeera.+
-
-
Iyyaasuu 19:49Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
49 Akka kanaan, biyyattii akka naannoowwan ishiitti akka dhaalaatti hiruu isaanii ni xumuran. Achiis Israaʼelonni gidduu isaaniitti Iyyaasuu ilma Nuuniif dhaala ni kennan.
-