-
Baʼuu 29:38Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
38 “Wantoonni iddoo aarsaa irratti dhiheessitu kanneen kana dha: utuu wal irraa hin kutin guyyaa guyyaadhaan xobbaallaa hoolaa waggaa tokko taʼan lama ni dhiheessita.+
-
-
Baʼuu 29:42Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
42 Innis dhaloota keessan hundumaa keessatti aarsaa gubamu isa yeroo hunda balbala dunkaana walgaʼii duratti, jechuunis bakka ani sitti dubbachuuf sitti mulʼadhu+ sanatti Yihowaa duratti ni dhihaata.
-
-
2 Seenaa Baraa 2:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Ammas, ani isa duratti ixaana urgaaʼu aarsuuf,+ yeroo hundumaa daabboo wal irra tuulamu* achi kaaʼuuf,+ akkasumas ganamaa fi galgala,+ guyyoota Sanbataatti,+ guyyoota baatiiwwan haaraattii+ fi waqtiilee ayyaanaa+ Waaqa keenya Yihowaatti aarsaawwan gubaman dhiheessuuf, maqaa Waaqa koo Yihowaatiif mana ijaaruu fi isaaf qulqulleessuuf yaadeera. Kun, dirqama Israaʼelonni yeroo hundumaa raawwachuu qabani dha.
-