-
Lakkoofsa 4:24-26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Wanti maatiiwwan Geershonotaa akka kunuunsanii fi akka baataniif isaaniif ramadame kana dha:+ 25 Isaan huccuuwwan dunkaana godoo qulqulluu,+ dunkaana walgaʼii, wanta isa irraan uwwifamu, gogaa tahaash isa gubbaadhaan uwwifamu,+ golgaa balbala dunkaana walgaʼii,+ 26 golgaawwan mooraa+ sanaa, golgaa balbala mooraa+ isa godoo qulqulluuttii fi iddoo aarsaatti marsee jiru sanaa, funyoowwan dunkaanaa fi miʼawwan isaanii hundumaa, akkasumas wantoota tajaajila isaatiif oolan hundumaa ni baatu. Kun hojii isaanii ti.
-