-
Leewwota 25:32-34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
32 “‘Manneen Leewwonni magaalaa isaanii keessatti qaban+ ilaalchisee garuu, Leewwonni deebisanii isaan bitachuuf yeroo hundumaa mirga ni qabaatu. 33 Qabeenyi Leewwotaa deebifamee yoo bitamuu baate, manni isaanii inni magaalaa keessa jiruu fi inni gurgurame waggaa Iyyobeeliyyuutti isaaniif ni deebiʼa;+ sababiin isaas, manneen magaalota Leewwotaa keessa jiran Israaʼelota gidduutti qabeenya isaanii ti.+ 34 Kana malees, lafti dheedichaa+ magaalota isaaniitti marsee jiru dhaala isaanii isa dhaabbataa waan taʼeef gurguramuu hin dandaʼu.
-