-
Keessa Deebii 4:41-43Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
41 Yeroo sanatti Museen magaalota Yordaanos irraa gara bahaatti argaman sadii adda ni baase.+ 42 Namni tokko utuu itti hin yaadin nama yoo ajjeese, innis duraan nama sanaaf jibba hin qabu yoo taʼe,+ namni sun magaalota kana keessaa gara isa tokkootti baqatee lubbuu isaa haa oolfatu.+ 43 Magaalonni kunis, Ruubenotaaf, Beezer+ ishii lafa onaa keessatti lafa diriiraa* irratti argamtu, Gaadotaaf, Raamot+ ishii Giiliyaad keessatti argamtu, Minaasotaaf+ immoo, Goolaan+ ishii Baashaan keessatti argamtu ni taʼu.
-