LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 35:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Bakka namni utuu itti hin yaadin nama ajjeese* itti baqatu akka taʼanitti, magaalota itti baqatan taʼanii akka tajaajilaniif magaalota isiniif mijatan filadhaa.+

  • Lakkoofsa 35:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Yaaʼichi nama lubbuu balleesse sana harka nama haaloo baʼu sanaa irraa oolchee, gara magaalaa itti baqatan isa namichi itti baqatee ture sanatti isa haa deebisu; namichis hamma lubni ol aanaan inni zayitii qulqulluudhaan dibame+ sun duʼutti achi keessa jiraachuu qaba.

  • Keessa Deebii 19:4, 5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 “Nama nama ajjeesee lubbuu isaa oolfachuuf achitti baqatu ilaalchisee wanti godhamuu qabu kana dha: Namni sun utuu itti hin yaadin nama rukutee yoo ajjeese, innis duraan nama sanaaf jibba hin qabu yoo taʼe,+ 5 fakkeenyaaf, namichi nama sanaa wajjin qoraan funaanuuf gara bosonaa seenee qottoodhaan muka muruuf harka isaa yommuu kaasutti, sibiilli qottoo sun muka isaa irraa buqqaʼee nama sana rukutee yoo ajjeese, namni nama ajjeese sun lubbuu isaa oolfachuuf magaalota kana keessaa gara isa tokkootti haa baqatu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi