LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 21:12, 13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 “Namni rukutee nama ajjeese kam iyyuu haa ajjeefamu.+ 13 Garuu namichi kana kan godhe utuu itti hin yaadin yoo taʼee fi Waaqni dhugaanis kun akka taʼu yoo heyyame, bakka inni itti baqatu siif nan qopheessa.+

  • Keessa Deebii 4:42
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 42 Namni tokko utuu itti hin yaadin nama yoo ajjeese, innis duraan nama sanaaf jibba hin qabu yoo taʼe,+ namni sun magaalota kana keessaa gara isa tokkootti baqatee lubbuu isaa haa oolfatu.+

  • Keessa Deebii 19:4, 5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 “Nama nama ajjeesee lubbuu isaa oolfachuuf achitti baqatu ilaalchisee wanti godhamuu qabu kana dha: Namni sun utuu itti hin yaadin nama rukutee yoo ajjeese, innis duraan nama sanaaf jibba hin qabu yoo taʼe,+ 5 fakkeenyaaf, namichi nama sanaa wajjin qoraan funaanuuf gara bosonaa seenee qottoodhaan muka muruuf harka isaa yommuu kaasutti, sibiilli qottoo sun muka isaa irraa buqqaʼee nama sana rukutee yoo ajjeese, namni nama ajjeese sun lubbuu isaa oolfachuuf magaalota kana keessaa gara isa tokkootti haa baqatu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi