-
Lakkoofsa 35:22-25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 “‘Haa taʼu malee, kan isa darbate utuu itti hin yaadin yoo taʼee fi isa jibbee miti taanaan yookiin wanta tokko kan isatti darbate hamminaan kakaʼee* miti taanaan+ 23 yookiin utuu isa hin argin dhagaa yoo isa irra buusee fi namichi yoo duʼe, taʼus kana kan godhe diina isaa taʼee yookiin isa miidhuu barbaadee miti taanaan, 24 yaaʼichi murtoowwan kanaa wajjin haala wal simuun namicha isa rukutee fi namicha haaloo baʼu sana gidduutti murtii haa kennu.+ 25 Yaaʼichi nama lubbuu balleesse sana harka nama haaloo baʼu sanaa irraa oolchee, gara magaalaa itti baqatan isa namichi itti baqatee ture sanatti isa haa deebisu; namichis hamma lubni ol aanaan inni zayitii qulqulluudhaan dibame+ sun duʼutti achi keessa jiraachuu qaba.
-
-
Keessa Deebii 19:3-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Atis naannoo biyya Waaqni kee Yihowaan akka dhaaltu siif kenne sanaa bakka sadiitti hiri; namni nama ajjeese kam iyyuu magaalota sana keessaa ishii tokkotti baqachuu akka dandaʼuuf daandii tolchi.
4 “Nama nama ajjeesee lubbuu isaa oolfachuuf achitti baqatu ilaalchisee wanti godhamuu qabu kana dha: Namni sun utuu itti hin yaadin nama rukutee yoo ajjeese, innis duraan nama sanaaf jibba hin qabu yoo taʼe,+ 5 fakkeenyaaf, namichi nama sanaa wajjin qoraan funaanuuf gara bosonaa seenee qottoodhaan muka muruuf harka isaa yommuu kaasutti, sibiilli qottoo sun muka isaa irraa buqqaʼee nama sana rukutee yoo ajjeese, namni nama ajjeese sun lubbuu isaa oolfachuuf magaalota kana keessaa gara isa tokkootti haa baqatu.+
-
-
Iyyaasuu 20:7-9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Kanaafuu, isaan Galiilaa ishii naannoo gaarotaa Niftaalemitti argamtu keessatti Qeedeshiin,+ naannoo gaarotaa Efreem keessatti Sheekemiin,+ akkasumas naannoo gaarotaa Yihudaa keessatti Qiriyaat Arbaa,+ jechuunis Kebrooniin kaayyoo kanaaf ni murteessan.* 8 Naannoo Yordaanos keessatti baha Yerikootiin, gosa Ruuben keessaa lafa onaa isa lafa diriiraa* irratti argamu keessatti Beezeriin,+ gosa Gaad keessaa Giiliyaad keessatti Raamotiin,+ akkasumas gosa Minaasee+ keessaa Baashaan keessatti Goolaaniin+ ni filatan.
9 Namni utuu itti hin yaadin nama* ajjeese kam iyyuu akka itti baqatuuf,+ akkasumas yaaʼicha duratti murtiidhaaf dhihaachuu isaa dura+ nama haaloo baʼu sanaan akka hin ajjeefamnetti, magaalonni Israaʼelota hundumaa fi nama biyya ormaa isaan gidduu jiraatuuf ramadaman kanneen kana turan.
-